Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 6

22 Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte.

Mootichis intalattiidhaan, "Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!" jedhe. 23 Innis, "Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!" jedhee kakuudhaan waadaa galeef.

24 Isheenis gad baatee haadha isheetiin, "Maal kadhadhu?" jette.

Haati immoo, "Mataa Yahyaa" jettee deebifteef.

25 Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, "Akka ati ammuma mataa Yahyaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada" jetteen.

26 Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne. 27 Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yahyaa fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yahyaa isa irraa kute; 28 mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite.

Veja também