Amantii Dubartii Tokkoo
24 Iisaan iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye. 25 Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte. 26 Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Iisaa kadhatte.
27 Innis, "Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti" jedheen.
28 Isheen garuu, "Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu" jettee deebifteef.
29 Iisaanis, "Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera" jedheen.
30 Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.