Namichi Duudaa fi Arrab-didaan Tokko Fayyuu Isaa
31 Ergasiis Iisaan biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe. 32 Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.
33 Iisaanis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe. 34 Gara shamaayʼuniis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, "Eftaah!" jedheen; kana jechuunis "Banami!" jechuu dha. 35 Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.
36 Iisaanis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan. 37 Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, "Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha" jedhan.