Badhaasa Ogummaa
1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee
ajaja koos of keessatti kuufatte,
2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee
yaada kee hubannaatti deebifatte,
3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee
hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee
akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
5 ati Rabbii Allaah sodaachuu ni hubatta;
Allaah beekuus ni argatta.
6 Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.