Publicidade

Provérbios 31

10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?

Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;

inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.

12 Isheen bara jireenya ishee guutuu

waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.

13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee

harka ishee kan hojii jaallatuun footi.

14 Isheen akkuma doonii daldalaatti

lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.

15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee

maatii isheetiif nyaata kenniti;

xomboreewwan isheefis hojii qooddi.

16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti;

waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.

17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee

hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.

18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti;

ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.

19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira;

quba isheetiin immoo calii qabatti.

20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti;

dhabaadhaaf illee harka balʼifti.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-