3 Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
4 dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
5 Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee qabriitti nama geessa.
6 Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.