Qajeelummaa Amantiin Argamu
21 Amma garuu qajeelummaan Allaahan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Nabiiʼiyyoonni dhugaa baʼaniif mulʼateera. 22 Qajeelummaan Allaaha kun amantiidhaan warra Iisaa Al-Masiihitti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru; 23 sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Allaaha irraa citaniiruutii; 24 isaanis ayyaana Allaaha isa furama karaa Al-Masiihi Iisaatiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.