6 Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; 7 namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
8 Egaa nu yoo Al-Masiihii wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna.