4 Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Al-Masiihiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Allaahaf ija naqannuuf. 5 Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. 6 Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
Publicidade
Publicidade