Worra Gibxi’itti Addatuuf Aanne’e
1 Worra Gibxii irraa qarqaarsa dhaggatiisaaf gad bu’u, worra fardo’otti addatu, worra bacinna garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardo’oo jajjaboo ifiititti addatu, ammoo worra gara Woyyicha Israa’elii hin ilaallee fi worra qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin gaafanneef aanne’e! 2 Mootiin Waan Maraa qaro’o; inni badii isaanitti hin fida; waan jedhe irraa duubatti hin deebi’u; inni worra hantuu huju irratti, worra hantuu huju worra qarqaaru irralle’etti hin ka’a.