Pular para o conteúdo
Publicidade

Provérbios 1

Bu’aa Fakkeennaa

1 Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa’elii ka asii gad jiranu:

2 Isaan kun namooti qarumma’aa fi

qajeelfama dansaa akka fudhatanu,

jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu,

akka hubatanu,

3 balchumma’aa fi haqaan,

waan dhugaa te’e godhiisaan,

amala qarumma’aatiin

qajeelfama akka fudhatanu,

4 worri beekkumsaan hin bilchaatin,

hubantii akka qabaatanu,

dargaggooti beekkumsaa fi,

qalbii akka qabaatanu qarqaaran.

5 Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee,

barumsa ifii itti ede’atanuu ti;

worri hubantii qabanulle

qajeelfama irraa fudhatanuu ti.

6 Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa,

hiikkaa jedhi’iitii fi

hiibboo worra qaroole’eelle hin hubatan.

Veja também