25 Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya’aa uffatti;
bara dhufaaru itti gammaddi.
26 Isiin qarumma’aan dubbatti;
afaan isi’ii keessa barsiisa dansa’atti jira.
27 Isiin jireenna maatii ifii akka dansaa eeddi;
isiin booseyaa moti.
28 Ijoolleen isi’ii lafaa kaatee,
«Gammadee» jettee isii waanti;
abbaan manaa isi’iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,
29 «Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran;
ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan.
30 Miidhagiis nama soba;
dansummaan hin baddi;
dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.