Publicidade

Provérbios 5

8 Karaa keeti isii irraa fageessi;

qarqara balbala mana isi’iititti hin dhikaatin.

9 Yoo tana godhuu dhabaatte,

ulfinna keeti namoota dhibi’iif,

jiruu teetiille

nama marartii hin qannetti hin kennita.

10 Karra teetille alagaan hin fudhata;

eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti.

11 Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate,

muummee jiruu teetiititti hin aadda;

12 ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe?

Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate?

13 Ani barsiisota tiyya hin caqanne;

gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne.

14 Wolde’a kolba’aa duudii keessatti,

badii guddoo biraan baye» hin jetta.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-