Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Mootota 3:7-9

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

7 "Egaa yaa Rabbii Allaah ko, ati iddoo abbaa koo Daawud, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku. 8 Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira. 9 Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?"

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    7 "ኤጋ ያ ዋቀዮ ዋቀኮ፣ አት እዶ አባኮ ዳዊት፣ ገርብቸኬ ሞቲ ጎቴርተ። አን ገሩ ዳእመ ጥናዸ፤ ሆጂኮስ አከን እት ሆጄዹ ህንቤኩ። 8 ገርብችኬ ኩኖ ሰበ አት ፍለቴ ሰበ ጉዳ፣ ከን ለካአሙ ህንደንዴኜ ዮካን ሄሬገሙዻፍ አከ መሌ ባይአቱ ኬሰ ጅረ። 9 ከናፉ ሁበትና አን እቲን ሰበኬ ቡልቹፊ ዋን ጋሪፊ ዋን ሀማ እቲን ገርገር ባሴ ቤኩ ገርብቸኬቲፍ ኬን። ዮ አከስ ተኡ ባቴ ኤኙቱ ሰበኬ ጉዳ ከነ ቡልቹ ደንደአ?"

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    7 "Egaa yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati iddoo abbaa koo Daawit, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku. 8 Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira. 9 Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?"

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.