3 Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Rabbii Allaah waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse. 4 Namoonni Yihuudaas gargaarsa Rabbii Allaah barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.
15 Innis akkana jedhe; "Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Rabbii Allaahan akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Allaaha ti malee kan keessan miti. 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Rabbii Allaahan isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Rabbii Allaahan isin wajjin dhaabata.’ "
22 Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Rabbii Allaahan namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.