12 Rabbii Allaahanis halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen:
"Ani duʼaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.
13 "Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef shamaayʼun cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, 14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa. 15 Ammas duʼaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa.