Minaasee Mooticha Yihuudaa
1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2 Innis waan jibbisiisaa saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete.