Kitaabni Seeraa Argame
1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti. 2 Inni fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawud irra deeme.