12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. 13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.
Publicidade
Publicidade