Pular para o conteúdo
Publicidade

Mulʼata 21

Shamaayʼun Haaraa fi Lafa Haaraa

1 Anis ergasii shamaayʼun haaraa fi lafa haaraa21:1 Isa 65:17; 2Ph 3:13 nan arge; shamaayʼuniin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. 2 Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee shamaayʼun keessaa Allaah biraa utuu gad buutuu nan arge. 3 Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. 4 Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também