10 Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Shamaayʼun ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. 11 Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Shamaayʼun ilaaltu? Iisaan innumti isin biraa shamaayʼuniitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni shamaayʼuniitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."
Publicidade