10 Nus erga Phaawulos mulʼata sana argee booddee, Allaahan akka nu injiila isaanitti lallabnuuf nu waamuu isaati jennee Maqedooniyaa dhaquuf qophoofnee kaane.
Liidiyaan Al-Masiihiitti Amante
11 Xirooʼaasii dooniidhaan kaanee Saamotraaqeetti fuula deebifannee qajeelle; guyyaa itti aanu immoo Neʼaphoolisitti dabarre. 12 Achii kaanees Fiiliphisiyuus dhaqne; isheenis magaalaa beekamtuu aanaa Maqedooniyaa kan kolonii mootummaa Roomaa jala turtee dha; nus magaalattii keessa guyyaa muraasa turre.
13 Guyyaa Sanbataa immoo magaalattii keessaa baanee gara lagaa iddoo akka lafa duʼaa itti argannu abdanne tokkootti gad buune; teteenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbachuu jalqabne. 14 Warra nu dhaggeeffachaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture; isheen daldaltuu wayyaa dhiilgee kan magaalaa Tiyaatiraatii dhuftee, Allaahas waaqeffattu turte. Gooftaan akka isheen waan Phaawulos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii ishee baneef. 15 Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, "Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa" jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte.
Phaawulosii fi Siilaas Mana Hidhaa Keessatti
16 Gaaf tokko utuu iddoo itti duʼaa godhan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte. 17 Isheenis, "Namoonni kunneen tajaajiltoota Allaah Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha" jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute.