Pular para o conteúdo
Publicidade

Atos 7

42 Allaahan garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota shamaayʼun irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba nabiiʼiyyootaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha;

" Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti

takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

43 Isin fakkii waaqeffatamtoota waaqeffachuuf

tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii7:43 Moolek – waaqeffatamaa tolfamaa warra Kanaʼaan kan waaqeffatamuu isaa keessa ijoollee gubanii aarsaa dhiʼeessuunis jiru. fi

urjii waaqeffatamaa tolfamaa keessan Reefaan7:43 Reefaan – waaqeffatamaa tolfamaa bara durii kan bulchaa pilaaneettii Saatarni jedhamuuti jedhamee waaqeffatamu. ol qabdaniirtu.

Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.7:43 Amo 5:25

Veja também