Pular para o conteúdo
Publicidade

João 12

Iisaan Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa

12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Iisaan gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. 13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan;

"Hoosaaʼinaa!"12:13 Hoosaaʼinaa jechuun afaan Ibraayisxiitiin "Amma fayyisi" jechuu dha; kunis jecha galataa ti.

"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"12:13 Zab 118:25,26

"Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!"

14 Iisaanis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;

15 "Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin;

kunoo, mootiin kee,

ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira."12:15 Zak 9:9

16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Iisaan ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.

17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin qabrii keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan. 18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan. 19 Kanaafuu Fariisonni, "Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!" waliin jedhan.

Veja também