Pular para o conteúdo
Publicidade

João 13

Iisaan Miilla Barattoota Isaa Dhiqe

1 Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Iisaanis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.

2 Yeroo irbaataatti ibliis akka inni Iisaa dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe. 3 Iisaanis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Allaah biraa dhufee fi akka gara Allaahatti deebiʼu illee beeka ture; 4 kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate. 5 Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.

6 Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, "Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?" jedheen.

7 Iisaan immoo deebisee, "Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta" jedheen.

8 Phexrosis, "Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu" jedheen.

Iisaanis deebisee, "Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu" jedheen.

9 Simoon Phexrosis deebisee, "Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin" jedheen.

10 Iisaanis, "Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti" jedheen. 11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, "Qulqulluun hunda keessan miti" jedheefis kanuma.

12 Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; "Isin waan ani isiniif godhe hubattanii? 13 Isin, Barsiisaa, Gooftaasnaan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan. 14 Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu. 15 Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera. 16 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; malaʼikkaanis kan isa erge hin caalu. 17 Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.

Veja também