Pular para o conteúdo
Publicidade

João 21

Iisaa fi Dinqii Qurxummii Qabuu

1 Wantoota kanneen booddee Iisaan ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture: 2 Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan. 3 Simoon Phexrosis, "Ani qurxummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "Nus si wajjin dhaqna" jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.

4 Ganama bariidhaanis Iisaan qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Iisaa taʼe hin beekne.

5 Innis isaan waamee, "Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?" jedhee gaafate.

Isaan immoo, "Hin qabnu" jedhanii deebisan.

6 Innis, "Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu" jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.

7 Barataan inni Iisaan isa jaallachaa ture sunis, "Inni Gooftaa dha!" jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu "Inni Gooftaa dha" jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale. 8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan. 9 Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.

10 Iisaanis, "Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!" isaaniin jedhe. 11 Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.

Veja também