21 Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. 22 Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; 23 kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
24 "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. 25 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. 26 Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii. 27 Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
28 "Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri qabrii keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. 29 Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu. 30 Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
31 "Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.