6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
7 Fiiliphoos immoo, "Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii6:7 Diinaariin tokko mindaa hojjetaan tokko guyyaatti argatu ture. dhibba lama fudhata" jedhee deebiseef.
8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen; 9 "Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?"
10 Iisaanis, "Namoota teessisaa" jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture. 11 Iisaanis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, "Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin" jedhe. 13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.