Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 10

Fakkeenya Namicha Samaariyaa Tokkoo

25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Iisaa qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, "Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.

26 Iisaanis deebisee, "Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?" jedheen.

27 Namichis, " Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu;10:27 KeD 6:5 ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu10:27 Lew 19:18" jedhee deebise.

28 Iisaanis, "Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa" jedheen.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também