Iisaan Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Iisaan Barattoota isaa keessaa lama erge; 2 akkanas isaaniin jedhe; "Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa. 3 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa."
4 Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis, 5 namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, "Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?" jedhanii isaan gaafatan. 6 Isaanis akkuma Iisaan isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan. 7 Ilmoo harree sanas Iisaatti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. 8 Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. 9 Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan;
"Hoosaaʼinaa!"11:9 Hoosaaʼinaa! Hosaaʼinaa jechuun, "Amma fayyisi!" yookaan "Maaloo fayyisi!" jechuu dha.
"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"11:9 Zab 118:25,26
10 "Mootummaan abbaa keenya Daawud inni dhufu sun eebbifamaa dha!"
"Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!"
11 Iisaanis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.