22 Utuu nyaachaa jiranuus Iisaan buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, "Fudhadhaa; kun foon koo ti" jedhee isaaniif kenne.
23 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
24 Innis akkana isaaniin jedhe; "Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha. 25 Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Allaaha keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu."