Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 3

Iisaan Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa

1 Ammas Iisaan mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture. 2 Isaan keessaas namoonni tokko tokko Iisaa himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan. 3 Iisaanis namicha harki irratti goge sanaan, "Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu" jedhe.

4 Iisaanis, "Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?" jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.

5 Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, "Harka kee diriirfadhu!" jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.

Veja também