Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 4

Iisaan Bubbee Gab Gochuu Isaa

35 Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, "Kottaa gama ceenaa" isaaniin jedhe. 36 Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Iisaa akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. 37 Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. 38 Iisaanis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, "Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?" jedhaniin.

39 Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, "Calʼisi! Gab jedhis!" jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

40 Innis barattoota isaatiin, "Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?" jedhe.

41 Isaanis akka malee sodaatanii, "Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?" jedhanii wal gaafatan.

Veja também