37 Inni garuu, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.
Isaanis, "Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" jedhaniin.
38 Innis, "Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.
Isaanis yommuu arganitti, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhan.
39 Iisaanis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. 40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. 41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. 42 Isaan hundi nyaatanii quufan; 43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.