Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 8

Iisaan Beetisayidaatti Nama Jaamaa Fayyise

22 Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Iisaa kadhatan. 23 Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, "Waa arguu dandeessaa?" jedhee gaafate.

24 Namichis ol ilaalee, "Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu" jedhe.

25 Iisaan amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. 26 Iisaanis namichaan, "Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin" jedhee gara mana isaatti isa erge.

Veja também