Akeekkachiisa Ogummaa Tuffachuu Irratti Kenname
20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti;
iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti;
karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
22 "Isin warri homaa hin beekne
kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu?
Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii
gowwoonnis beekumsa jibbu?
23 Mormii koo qalbeeffadhaa;
ani yaada koo isinii nan dhangalaasa;
dubbii koos isiniifin ibsa.