19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Allaahatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, "Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa"12:19 KeD 32:35 jedha, jedhamee barreeffameeraatii. 20 Garuu,
"Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi;
yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif.
Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta."12:20 Fak 25:21,22
21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.