6 Allaahan, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna."2:6 Zab 62:12; Fak 24:12 7 Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. 8 Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. 9 Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa. 10 Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa. 11 Allaahan nama wal hin caalchisuutii.