Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Fakkeennaa 1

Waamicha Qarumma’aa

20 Qarummaan woldeennaa

kara’aa keessaa iyyitee waammatti;

badhinna keessaa qoonqoo ol qabattee iyyiti.

21 Karaa namooti hogisanu keessaa iyyiti;

seensuma qacha’aa keessaa dubbatti:

22 Isiin, «Isin worri gowwooleen,

haga yoomii,

gowwummaa teessan jaalattan?

Isin worri murgaameyyiin,

haga yoomii,

murgoo teessanitti gammaddan?

Isin worri gowwooleen,

haga yoomii beekkumsa jibbitan?

23 Isin xixicha kiyya yoo dhageettane,

ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru,

yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também