15 Innis akkana jedhe; "Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Rabbii Allaahan akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Allaaha ti malee kan keessan miti. 16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu. 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Rabbii Allaahan isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Rabbii Allaahan isin wajjin dhaabata.’ "
1 Seenaa 20:15-17
Em outras traduções
- ONOCV New Oromo Contemporary Version
15 እንስ አከነ ጄዼ፤ "ዬሆሻፋጥ ያ ሞቲ፣ ወር ይሁዳፊ ዬሩሳሌም ኬሰ ጅራተን ሁንድኑ ዸገኣ! ዋቀዮ አከነ እስኒን ጄዸ፦ ‘እስን ሰበቢ ወራነ ጉዳ ከናቲፍ ጄተኒ ህንሶዳትና ዮካን አብዲ ህንኩተትና። ሎል ኩን ከን ዋቃት መሌ ከንኬሰን ምት። 16 ቦር እሳንት ገድ ቡኣ። እሳን ከራ መልካ ዚዝ ኦል በኡ፤ እስንሞ ገሞጂ ይሩኤል ኬሰት ቀርቀረ ሱሉልቻረት እሳን አርገቱ። 17 ሎለ ከነ ሎሉ እስን ህንበርባችሱ። እስን እዶ እዶኬሰን ቀበዻ፤ ያ ይሁዳፊ ዬሩሳሌም ጀባዻ ዻበዻቲ ሞአትኖ ዋቀዮ እስኒፍ ኬኑ እላላ። ህንሶዳትና፤ አብዲስ ህንኩተትና። ቦር እሳንት በኣ፤ ዋቀዮ እስን ወጅን ዻበተ።’ "
- HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental
15 Innis akkana jedhe; "Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti. 16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu. 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’ "
Direitos das traduções citadas
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.