Publicidade

2 Reis 6

15 Yommuu tajaajilaan nama Allaaha sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, "Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?" jedhee gaafate.

16 Nabiiʼiyyiin sun immoo, "Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii" jedhee deebise.

17 Al-yaasaʼaanis, "Rabbii Allaah, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif" jedhee duʼaa godhate. Rabbii Allaahanis ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Al-yaasaʼaatti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-