11 Anis shamaayʼun baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. 12 Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. 13 Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Allaaha jedhama. 14 Loltoonni shamaayʼun irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. 15 Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; "Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha." Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. 16 Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:
Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.