Publicidade

Atos 2

22 "Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Iisaan namni Naazreeti nama Allaahan dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. 23 Namicha kana Allaahatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. 24 Allaahan garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-