5 Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Al-Masiihii lallabe. 6 Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan. 7 Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan. 8 Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.