1Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
2Rabbii Allaahan iddoo jireenya Yaaʼikuub hunda caalaa,karrawwan Xiyoon jaallata.
3Yaa magaalaa Allaaha,waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
200 resultados encontrados
1Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
2Rabbii Allaahan iddoo jireenya Yaaʼikuub hunda caalaa,karrawwan Xiyoon jaallata.
3Yaa magaalaa Allaaha,waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
4Ati karaa kanaan fuula Allaahatii fifuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
13Namni ogummaa argatukan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
14ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii;warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
12Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf,qajeelfama inni kennuunaddunyaa hunda irra naannaʼu.
15Allaahan akkamitti duumessootaakka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
18shamaayʼun akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sanadiriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
14Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
17Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
19Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;Rabbii Allaahan garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
15Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumattigad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
17Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;lubbuu kees ni gammachiisa.
20Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee?Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
1Isin tajaajiltoonni Rabbii Allaaha,warri halkan mana Rabbii Allaah keessa tajaajiltan hundinuu,Rabbii Allaah galateeffadhaa.
2Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatiiRabbii Allaah galateeffadhaa.
3Rabbii Allaahan shamaayʼunii fi lafa uume sunXiyoon irraa isin haa eebbisu.
14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
3Sagaleen Rabbii Allaah bishaanota irra jira;Allaahan ulfinaa ni qaqawweessaʼa;Rabbii Allaahan bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
6Inni Libaanoonin akka jabbiitti,Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7Sagaleen Rabbii Allaahbalaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
10Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa,xinnoo harka walitti marachuu,
17Ija of tuulu,arraba sobu,harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
26Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii;ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
5Ani nan ciisa; nan rafas;waan Rabbii Allaahan ol na qabuuf nan dammaqa.
7Rabbii Allaah kaʼi!Yaa Allaah koo na baraari!Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;ilkaan hamootaa illee caccabsi.
8Fayyinni kan Rabbii Allaah ti.Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
4Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
24Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneefgara jireenyaatti ol isa baasa.
31Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu,ogeeyyii gidduu jiraata.
1Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
2Kun akka zayitii gatii guddaakan mataa irratti dhangalaafamee,akka isa areeda irra gad yaaʼuu,areeda Haaruun irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.
3Innis akkuma fixeensa Hermoon,kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.Achi irratti Rabbii Allaahan hamma bara baraatti eebba isaa,jireenyas ajajeeraatii.
10Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
26Afaan ishee ogummaadhaan banatti;gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
30Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
3Eenyutu tulluu Rabbii Allaahatti ol baʼa?Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
4Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,nama lubbuu isaa gara waaqeffatamaa tolfamaatti ol hin kaafneyookaan nama sobaan hin kakannee dha.
10Mootiin ulfinaa kun eenyu?Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu sun,inni Mootii ulfinaa ti.
2Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
29Karaan Rabbii Allaah nama qajeelaaf daʼoo dha;nama jalʼaaf garuu badiisa.
31Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
2utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
4lolaan nu liqimseedhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
8Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.
1Haalleluuyaa.Namni Rabbii Allaah sodaatu,kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
2Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
4Nama tolaa fi arjaadhaaf,gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
1Rabbii Allaah, galateeffachuun, yaa Allaah Waan Hundaa Olii,maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
2Jaalala kee ganamaan,amanamummaa kees halkaniin labsuun,
12Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu;akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
3Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;inni qulqulluu dha.
5Rabbii Allaah keenya leellisaa;ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;inni qulqulluu dha.
9Allaah keenya Rabbii Allaah leellisaa;tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;Rabbii Allaahan keenya Allaah qulqulluudhaatii.
1Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi.Rabbii Allaah, Allaah ko, ati akka malee guddaa dha;miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
16Mukkeen Rabbii Allaaha,birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.
35Cubbamoonni lafa irraa haa badan;hamoonnis siʼachi hin jiraatin.Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi.Haalleluuyaa.