3Katabbiin Qulqulluun maal jedha? "Ibraahim Allaah amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef."4:3 Uma 15:6
11Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha.
18Ibraahimis akkuma, "Sanyiin kee akkas ni taʼa"4:18 Uma 15:5 jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe.