45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, "Isa Muusaan kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa nabiiʼiyyoonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yuusuf, Iisaa nama Naazreeti arganneerra" jedheen.
46 Naatnaaʼelis, "Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?" jedhee gaafate.
Fiiliphoosis, "Kottuutii ilaali" jedheen.
47 Iisaanis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, "Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!" jedhee waaʼee isaa dubbate.
48 Naatnaaʼelis, "Ati eessatti na beekta?" jedheen.
Iisaanis, "Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge" jedhee deebiseef.
49 Naatnaaʼelis, "Yaa Barsiisaa, ati Ilma Allaaha ti! Ati Mootii Israaʼel" jedheen.
50 Iisaan immoo akkana jedheen; "Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta." 51 Innis itti dabalee, "Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; shamaayʼuniin banamee utuu malaʼikkoonni Allaaha Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu" jedheen.