21 Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa."
22 Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, "Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?" jedheen.
23 Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna. 24 Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.