26 Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa. 27 Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.
Publicidade
Publicidade