Pular para o conteúdo
Publicidade

Yohannis 7

Iisaan Ayyaana Irratti Barsiisuu Isaa

14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Iisaan mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. 15 Yihuudoonnis dinqifatanii, "Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan.

16 Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. 17 Namni fedhii Allaaha gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Allaah biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka. 18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também